Moosajii (Apps) beekamoo fi sadarkaa olaanaa qaban tokko tokko gosoota adda addaa keessatti kunooti:
- Miidiyaa Hawaasaa: Facebook, Instagram, Twitter, Snapchat
- Walqunnamtii: WhatsApp, Telegram, Signal
- Oomishtummaa: Microsoft Office Suite (Word, Excel, PowerPoint), Google Drive, Evernote
- Fayyaa fi Fitness: MyFitnessPal, Headspace, Strava, Calm
- Bashannana: Netflix, Spotify, YouTube, Twitch,TikTok
- Oduu fi Odeeffannoo: Flipboard, Google News, Reddit, Pocket
- Imala: Google Map, Airbnb, Skyscanner, Tripadvisor
- Faayinaansii: Mint, PayPal, Robinhood, Venmo
- Bittaa: Amazon, eBay, Walmart, Etsy
- Barnoota : Duolingo, Khan Academy, Quizlet, TED Kunniin fakkeenya muraasa yoo ta’an, appilikeeshiniiwwan biroo hedduun Google Play Store irratti argamu
Moosajii [App] Andirooyidii Barbaachisoo Ta’an.
1) Wi-Fi Map: App kun Jecha Darbii[Password] Wi-Fi tokkoo salphatti akka argannuufi Wi-Fi naanoo keenya jiru fayyadamuuf kan nu dandeessisuudha. Jecha darbii(password) Wi-Fi dhaabbata fayyadamuu barbaannee tokko argachuuf, App kana banuudhaan Kaartaa nuuf dhufu irraa Biyya Itoophiyaa filannee, itti aansuun magaalaa keessa jirru filanna. sana booda Wi-Fi Magaalota sana keessa jira hunda Jecha Darbii[password] isaanii wajjiin nuuf fida.
Haalima kanaan Wi-Fi naannoo keenya jiru filannee Jecha darbii isaa itti galchuun salphatti akka fayyadamnu nu taasisa.
2) FDM – Free Download Manager: Appn kun Kanaan dura Koompitara keenya irratti faayiloota saffisaan naqachuuf(download) gochuuf kan nu tajaajilaa ture yoo ta’u, amma immoo bilbiloota Android irrattis faayiloota saffisaan akka naqannuuf (Downloade) tajaajila kennaa jira.
3) Whristle Phone Finder: Mana keessan keessatti, iddoo hojiitti ykn lafa ta’etti Bilbila keessan iddoo keessan dhabdanii beektuu?… Eeyyen kun baratamaadha. Haala kamiin barbaaddanii argattu ree?
Kanaafuu furmaanni App kana Bilbila keessan irratti fe’achuudhaan salphatti arachuuf isin gargaara. Bilbila keessan irratti App kana yoo naqattan, yeroo bilbila keessan dhabdan kan isin irraa eegamu, tooftaa salphaa ta’e tokko qofaadha. Innis Fiiksuu/Siiksuudha. Yoo isin fiissitan Appn kun ni dammaqa, yeroo kana bilbilli keessan sagalee waamicha bilbila akka waan namnibiraa itti bilbilee dhageessisa. Sana booda iddoo bilbiilli keessan jir salphatti argachuu dandeessu.
4) 360 Security: Appn kun Bilbila keenya Qinqanii(virus, malware etc) irraa eeguudhaaf sadarkaa olaanaa qaba. Kanaafuu Qinqaniin yeroo ammaa sadarkaa olaanaa bilbiloota keenya miidhaa jiruuf furmaata guddaa ta’a.
5) True Caller: Fayyadmaan kun Namni kamuu gara bilbila keenyarratti yoo nuuf bilbilu Marsaalee hawaasummaa(Social media) inni bilbila nuuf bilile sanaan itti fayyadamaa jiru hunda nutti agarsiisa. hubadhaa Bilbila nama sanaa achiin duras qafoo keenya irratti olkeenyee(save) yoo hin goone ta’es.